Fana: At a Speed of Life!

Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaatiin Gibtsii fi Naayjeeriyaan ramaddii itti aanuuf darban

0 454
Finfinnee, Waxabajjii 20,2011(FBC)- Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaatiin Gibtsii fi Naayjeeriyaan ramaddii itti aanuuf darban.
 
Qopheessummaa Gibtsiin gaggeeffama kan jiru Waancaan Kubbaa Miilaa Afrikaa, Gibtsii fi Naayjeeriyaan ramaddii itti aanuuf darbuu danda’aniiru.
 
Ramaddii lammaffaa irraa Naayjeeriyaan Giinii 1-0 yoo injifattu, Gibts immoo ramaddii tokkoffaa irraa Dimokraatiik Koongoo 2-0 mo’achuu dandeessetti.
 
Gareen lamaanuu akkaataa ramaddii isaaniitti tapha lama taphataniin otoo hin injifatamin qabxii ja’a walitti qabachuu danda’aniiru.
 
Taphni Kubbaa Miilaa Waancaa Afrikaa akkaataa ramaddii isaatin har’as kan itii fufu yoo ta’u, tapha guyyaa har’aatin Maadaagaaskaarii fi Buruundii, Seenegaalii fi Aljeeriyaa akkasumas Keeniyaan Tanzaaniyaa waliin taphatu.
 
Maddi :- BBC
Comments
Loading...