Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin IGAD 68ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira

0 133
Finfinnee, Waxabajjii 12,2011(FBC)- Walga’iin Mana Maree Ministirootaa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa(IGAD) 68ffaan har’a Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
 
Waltajjichi gaggeessummaa ministira Dhimma Alaa obbo Gadduu Aandaargaachawiin taa’amaa jira.
 
Waltajjichi dhimma Sudaanii fi Sudaan Kibbaatif xiyyeeffannaa laachudhaan mari’achuu eegaleera.
 
Dura taa’aa Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaatin gabaasni dhiyaatee irratti ni mari’atama jedhameera.
 
Raawwiin kallattii walga’ii 67ffaa Juubaas dhiyaatee ni gamaaggamama.
 
Manni Maree Hoji Raawwachiistuu Gamtaa Afrikaatis Kamisa dhuftu dura taa’ummaa preezdaantii Gibts Abdul Fattaah Alsiisiin ni mari’ata.
 
Walga’ichaanis dhimma Sudaanirratti magaalaa Finfinneetti ni mari’ata.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi Sudaanitti ergamaan addaa Ityoophiyaa Ambaasaaddar Mahaammad Driir humnoota mormitootaa fi Mana Maree Cee’umsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan ega mariisisaniin booda waliigalteerra ga’amuun isaa ni yaadatama.
Comments
Loading...