Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp duula na filadhaa bara 2020 eegalan

0 206
Finfinnee, Waxabajjii 12,2011(FBC)- Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp duula na filadhaa bara 2020 eegalan.
 
Traamp irra deebidhaan preezdaantii Ameerikaa ta’uudhaf fedhii jabaadhan kakaasii eegalaniiru.
 
Bakka bu’aan paartii Riippablikaanaa preezdaant Doonaald Traamp bulchiinsa deeggartoonni isaanii itti heddummaattu Flooriidaatti argamuudhan “Imalli waliin eegalle itti yaa fufuu” jechuudhan gaafataniiru.
 
Haasaa daqiiqaa 80 deeggartoota isaanitiif taasisan kanaan dhaadannoowwan duula na filadhaa bara 2016 irratti itti fayyadaman fayyadamaniiru.
 
Paartiin Demokraatotaa Ameerikaa bittinsuuf socho’aa jiraanis balaaleffataniiru.
 
Demokraatonni sooshaaliizimiin Ameerikaatti akka lafa qabatuu fi abjuun biyya keenyaa akka badu carraaqaa jiruun Riippablikaanni filannoo Ameerikaanotaa akka ta’u gaafataniiru.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...