Fana: At a Speed of Life!

Kolombiyaan Ityoophiyaatti imbaasiishee banuufi

0 114
Finfinnee, Waxabajjii 12,2011(FBC)- Kolombiyaan Ityoophiyaatti imbaasiishee banuufi.
 
Imbaasiin biyyattiin Ityoophiyaatti bantus, Afrikaatti imbaasii qabdu 7 guddisa.
 
Ministeera Dhimma Alaa FDRItti Ambaasaaddarri dhaabbii dhimmoota Awrooppaa, Ameerikaa fi Eezhiyaa Maahileet Hayluun, Ministeera Dhimma Alaa Kolombiyaatti daayreektara Afrikaa, Eezhiyaa fi Ooshiiniyaa Alfeerdoo Raamoos Goonzaaleez waliin mari’ataniiru.
 
Marichaanis hariiroo biyyoota isaanii cimsuu fi imbaasii banuurratti haasa’aniiru.
 
Yeroo itti aanutti ministirri Ministeera Dhimma Alaa Kolombiyaa Ityoophiyaa daawwachuudhan hariiroo biyyoota lamaanii cimsuurratti mari’achuu akka barbaadan ibsameera.
 
Ityoophiyaan hariiroo Kolombiyaa waliin qabdu kan raawwachiistu karaa imbaasiishee Braaziilini.
Comments
Loading...