Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummata muudama miseensota boordii Tajaajila Oduu Ityoophiyaa mirkaneesse

0 342

Finfinnee, Waxabajjii 11,2011(FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummata muudama miseensota boordii Tajaajila Oduu Ityoophiyaa mirkaneesse.

Manni marichaa waltajjii idilee 45ffasaa har’a geggeesseen muudama miseensota boordii tajaajilichaa raggaasiseera.

Manni marichaas;
1. Obbo Tazarraa Gabra Igzi’aabheer
2. Obbo Masud Adam
3. Dooktar Taammiraat Hayilee
4. Gargaaraa Piroofeesaraa Makuriyaa Makaashaa
5. Aadde Hiywoot Hayiluu
6. Obbo Abinnat Zarfuu fi
7. Obbo Baqqalaa Muul’ataa miseensa boordii tajaajjila oduu Ityoophiyaa ta’uudhann muudamaniiru.

Muudamtoonnis mana marichaatti argamuudhan kakuu seenaniiru.

Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa dhaabbata itti waamamni isaa mana mareef ta’e keessa isa tokkodha.

Comments
Loading...