Fana: At a Speed of Life!

Booyiing moggaasa xiyyaara Maaks 737 jijjiiruuf qophii ta’u beeksise.

0 189

Finfinnee, Waxabajjii 11,2011(FBC)- Booyiing moggaasa xiyyaara Maaks 737 jijjiiruuf qophii ta’u beeksise.

Dhaabbanni oomisha xiyyaaraa; Booyiing balaan rifaasisoon lama erga irra qaqqabeen booda moggaasa xiyyaara Maaks 737 jijjiiruuf qophii ta’uu beeksise.

Hoogganaan faaynaasii Booyiing Greeg Simeezh moggaasa xiyyaara Maaks 737 jijjiiruun akka danda’amu dubbataniiru.

Moggaasa jijjiiruun dabalatatti dhaabbatichi bakka duraan turetti deebisuuf tarkaanfii fudhachuu fi fooyyessa barbaachisaa taasisuuf qophiidha jedhan.

Balaa xiyyaarota Maaks Ityoophiyaa fi Indoneezhiyaa mudateen wal qabatee, xiyyaaronni Maask 737 balalii kan dhorkaman yoo ta’u, yeroo hangam keessatti eeyyama argatanii akka gara balaliinsaatti deebi’an hin beekamne.

Otoo xiyyaaroonni Maaks 737 balalinsa irra hin ittifamin, dhaabbatichi xiyyaarota oomishee dhiyeessuuf ajaja kuma 5 fudhateet ture.

Balaan erga isa mudateen booda garuu ajaja tokko illee hin fudhanne.

Maddi :- CNN

Comments
Loading...