Fana: At a Speed of Life!

Griin Biin injifate

0 97

Finfinnee, Waxabajjii 3,2011(FBC)- Dorgommii “Ityoophiyaa yaa kaasnu” irratti maashinni buna dhiqu “Griin Biin” injifate.

Maashinichi maashina buna dhiquu fi goskudha.

Maashinichi kalaqaa teeknooloojii Andu’aalam Mahaarii fi Igzi’aabheer Ayyalaa yammuu ta’an, dorgommicha injifachuudhan Birrii miiliyoona 1 badhaafamaniiru.

Barmaatan buna dhiqanii gogsuuf guyyaa 10 amma 15 kan fudhataa ture yammuu ta’u, maashinichi sa’aa 19 keessatti gogsee xumura jedhameera.

Biyyoo osoo hin fayyadamin albuudaa fi bishaan qofa fayyadamuudhan teeknooloojin oomisha argamsiisu sadarkaa 2ffaadhan dorgommicha injifateera.

Teeknooloojiin kaffaltii diijjiitaalaa ammoo sadarkaa 3ffaa ba’eera.

Ministirri Ministeera Innooveeshin Teeknooloojii Dooktar Injiinar Geetaahuun Makuriyaan injifattootaf badhaasa Birrii miiliyoona 1 laataniiru.

Sagantaan dorgommii teeknooloojii biyyoolessaa kun amma Waxabajjii 5,2011tti itti fufa.

Comments
Loading...