Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman dhimma baqattootaarratti imaammata Gamtaa Awrooppaa qeeqe

0 70
Finfinnee, Waxabajjii 3,2011(FBC)- Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman dhimma baqattootaarratti imaammata Gamtaa Awrooppaa qeeqe.
 
Eejansiiwwan Dhaabbata Mootummoota Gamtooma imaammata Gamtaan Awrooppaa baqattootarratti qabu qeeqera.
 
Hoggansi Dhaabbata Gargaarsa Baqattoota Idil Addunyaa(UNHCR) fi Dhaabbanni Baqattoota Idil Addunyaa(IOM) ministiroota biyya keessaa biyyoota miseensa Gamtaa Awrooppaa waliin mari’ataniiru.
 
Waltajjichaan biyyoonni Awrooppaa baqattoota deeggaruu akka qaban gaafatameera.
 
Biyyoonni miseensa gamtichaa 28 dhimma baqattootaarratti ilaalcha hin malle akka sirreeffatan dhaamamameera.
 
Qeeqa ka’an keessaa tokko dhiibbaa mirga namoomaa raawwatamudha.
Comments
Loading...