Fana: At a Speed of Life!

Abbaan taayitichaa oomishaalee acheettoo 6 irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhate

0 29

Finfinnee, Waxabajjii 3,2011(FBC)- Abbaan Taayitaa To’annoo Nyaataa fi Dawaa Ityoophiyaa oomishaalee acheettoo sadarkaa barbaadamu hin guutin 6 irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhate.

Akka abbaan taayitichaa beeksisetti oomishaaleen acheettoo ja’an sadarkaa biyyoolessaatti kaa’ame hin guutani.

Teesson dhaabbilee oomishicha oomishanii fi maddi oomisha isaanii hin beekamne gabaarra oolaa jiraachuu abbaan taayitichaa mirkaneessera.

Oomishaaleen gabaarraa ittifaman dhaabbilee addaddaatin magaalaa Finfinnee keessatti kan oomishaman, barreeffama waa’ee oomishichaa ibsu kan hin qabne, ulaagaa barbaadamu kan hin guunne, teessoo fi lalloofsa addaba’umsaa kan hin qabne jedheera.

Oomishaaleen acheettoo tarkaanfiin irratti fudhatames; Riil, Muuniit, Saamii, Harmii, Sanaamii fi Saarooni.

Hawaasni dhimmichaan walqabatee abbaa taayitichaatif eeruu laachuu barbaadu karaa sarara bilisaa 8482 beeksisuu akka qabu eerameera.

Comments
Loading...