Fana: At a Speed of Life!

Wixinee labsii haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaarratti mari’atamaa jira

0 134

Finfinnee, Caamsaa 30, 2011(FBC) – Wixinee labsii haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaarratti mari’atamaa jira.

Waltajjiin marichaa Abbaa Alangee Federaalatiin kan qophaa’e yammuu ta’u, hayyoonni, hoggansi miidiyaa fi jaarmiyaalee siyaasaa hirmaachaa jiru.

Tamsa’inni odeeffannoo jibbiinsaa fi sobaa lammiileerratti miidhaa qaqqabsiisaa akka jiru waltajjichaan ibsameera.

Rakkoo gama kanaan mudatu hiikuuf wixineen labsichaa qophaa’uun barbaachisaa ta’uun eerameera.

Bara 1990 eegalee biyyoonni seerota tamsa’ina odeeffannoo sobaa fi jibbiinsaa ittisan hojiirra oolchan rakkinicha amma ta’een ittisaa jiraachun ibsameera.

Comments
Loading...