Fana: At a Speed of Life!

Oomishti bunaa Ityoophiyaan bara dhuftu gabaa alaatif ergitu ni dabala

0 71
Finfinnee, Caamsaa 30, 2011(FBC)- Ityoophiyaan bara itti aanu oomishti bunaa gabaa alaatif ergitu kan dabalu ta’uu Kutaan Qajeelcha Qonnaa Ameerikaa beeksise.
 
Ityoophiyaatti Kutaan Qajeelcha Qonnaa Ameerikaa odeeffannoo baasen akka beeksisetti, Ityoophiyaan oomishti bunaa Onkololeessaa amma Fulbaanaatti ergitu ni dabala.
 
Oomisha bunaa toonii kuma dhibba 2 fi kuma 40 gabaa alaatif erguudhan, daballiin %0.5 ni galmaa’a jedheera.
 
Fedhiin gabaa biyya keessaas %2.4 ni dabala jedheera.
 
Yeroo ammaatti oomishti bunaa kan dabale yammuu ta’u, bara itti aanu bunni tooniin miiliyoonni 7.35 ni oomishama jedheera odeeffannichi.
 
Kunis kan baranaatin garaagartee %1.4 qaba.
 
Maddi; Rooytars
Comments
Loading...