Fana: At a Speed of Life!

Dhibeen koleeraa godina Harargee Lixaa aanaalee 4tti mudachuun ibsame

0 224

Finfinnee, Caamsaa 30, 2011(FBC) – Dhibeen koleeraa naannoo Oromiyaa godina Harargee Lixaa aanaalee 4tti mudachuun ibsame.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan akka beeksisanitti, biiron isaanii dhibee yeroo roobaa eeggatanii mudatan ittisuu fi to’achuuf hojjechaa jira.

Dhibichi yeroo ammaa to’atamaa jiraatus ammas of eeggaannaan akka barbaachisu eeraniiru.

Ummanni qulqullina naannoo fi dhuunfaa isaa eeggachuu akka qabus dhaamaniiru.

Comments
Loading...