Fana: At a Speed of Life!

Naannolee walitti bu’iiinsi mudatee turetti qormaata laachuuf qophiin taasifameera

0 74

Finfinnee, Caamsaa 29,2011(FBC) – Naannolee walitti bu’iiinsi itti mudatee ture hedduutti qormaata biyyoolessaa laachuuf qophii ga’aan taasifamuu Ministeerri Barnootaa Beeksise.

Manneen barnootaa naannoo rakkoon itti ture 1200tti barnoonni bakka buusuu kennamee qormaataf qophaa’aniiru jedheera.

Manneen barnootaa kanneenitti qorannaan gaggeeffamee barattoonni qormaataf akka qophaa’an taasifameera.

Barattoota kuma dhibba 1 fi kuma 74f dhiyeessiin galtee barnootaa gumaachameera.

Manneen barnootaa cufaman 250 ol jiraatanis naannolee qophii xumuranitti qormaanni ni kennama jedheera ministeerichi beeksiseera.

Bakkeewwan qormaanni hin kennamnetti ammoo barnoonni bakka buusuu Ganna keessa ni kennama.

Qormaanni biyyoolessaa kutaa 10ffaa Wiixata eegala.

Comments
Loading...