Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Eejansiin Misoomaa Faransaay waliigaltee Yuuroo miiliyoona 100 walii mallatteessan

0 69

Finfinnee, Caamsaa 29,2011(FBC)- Ityoophiyaa fi Eejansiin Misoomaa Faransaay waliigaltee deeggarsaa fi liqaa Yuuroo miiliyoona 100 walii mallatteessan.

Liqaa fi deeggarsichi fooyyessa diinagdee Ityoophiyaan jalqabde tumsuuf oola.

Waliigalticha ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee fi eejansichatti daayreektarri Ityoophiyaa Igniisee Moonkaam Daavaart mallatteessaniiru.

Yuuroo miiliyoonni 85 bifa liqaatin kan laatamu yammuu ta’u, Yuuroo miiliyoonni 15 ammoo deeggarsaani.

Preezdaantiin Faransaay Emaanu’eel Maakroon Ityoophiyaa wayita daawwatanitti liqaa fi deeggarsicharratti Ityoophiyaadhan kan waliigalteerra ga’an.

Comments
Loading...