Fana: At a Speed of Life!

Jiyaanii Infaantiinoon irra deebidhaan preezdaantii FIFA ta’uudhan filataman

0 46

Finfinnee, Caamsaa 28,2011(FBC)- Jiyaanii Infaantiinoon irra deebidhaan preezdaantii FIFA ta’uudhan filataman.

Infaantiinoon Faransaay Paariisitti walga’ii waggaa Qaama Bulchiinsa Kubbaa Miillaa Idil Addunyaa gaggeeffamerratti irra deebidhaan filatamaniiru.

Preezdaantummaaf namni biraa dorgomuuf dhiyaate jiraachuu dhabuu isaatin, Infaantiinoon irra deebidhaan dhaabbatichaa akka hogganan filatamaniiru.

Infaantiinoon bara Faranjootaa 2016 Seep Blaatar kan bakka bu’an yammuu ta’u, amma bara Faranjootaa 2023tti FIFA kan hogganan ta’a.

Ga’eessi umrii waggaa 49 barreessaa olaanaa Waldaa Kubbaa Miillaa Awrooppaa ta’uudhan tajajailuun isaanii ni yaadatama.

Maddi; BBC

Comments
Loading...