Fana: At a Speed of Life!

Waajjiraalee aara tamboorraa bilisa ta’an

0 120

Finfinnee, Caamsaa 26,2011(FBC)- Ministeerri Fayyaa, eejansiiwwanii fi hoospitaalonni federaalaa aara tamboorraa bilisa ta’an.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan akka beeksisanitti, mooraa fi naannawan Ministeera Fayyaa, eejansiiwwanii fi hoospitaalonni federaalaa aara tamboorraa bilisa ta’aniiru.

Guyyaa har’aas beeksisni kana ifoomsu waajjira Ministeera Fayyaatti kaa’ameera.

Kunis labsii bulchiinsaa fi to’annoo nyaataa fi dawaa dhiyeenya hojiirra oole keeyyata 48,1 ka’umsa godhachuudhani jedhameera.

Labsichi naannolee namoonni hedduun walitti qabamanitti tamboo xuuxuu ni dhoorka.

Labsichi beeksisni dhoorkii tamboo xuuxuu ifatti akka kaa’amu ni ajaja.

Comments
Loading...