Fana: At a Speed of Life!

EEn Briitaaniyaatti neetwoorkii bilbilaa dhaloota 5ffaa ifoomse

0 254
Finfinnee, Caamsaa 23,2011(FBC) – Dhaabbanni EE jedhamu Briitaaniyaatti neetwoorkii bilbila sochootuu dhaloota 5ffaa jalqabaa ifoomse.
 
Teeknooloojichi kan ifoome sagantaa laga Taameet irraa kallattiin tamsa’eeni jedhameera.
 
Sagantichi kan Raappar Stoormizeeyi.
 
Odeeffannoo fi ragaalee intarneetirraa buufachuudhan ala, tajaajila ariitii qabu argachuu dandeessisa.
 
Siim kaardii 1n neetwoorkii bilbilaa dhaloota 5ffaatin tamsaasa televiizhinii dabarsuu dandeessisa.
Tajaajilichi jalqaba magaalota muraasatti hojiirra kan oolu yammuu ta’u, teeknooloojicha fayyadamuuf bilbilli haaraan barbaachisaa ta’uun ibsameera.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...