Fana: At a Speed of Life!

Maanguddoon Ingiliizii gara Xaaliyaan imalaa turan Jarmanitti of argatan

0 91
Finfinnee, Caamsaa 22,2011(FBC) – Maanguddoon Ingiliizii gara Xaaliyaan imalaa turan Jarmanitti of argatan.
 
Luuwayjii Riimoontiin amma umrin isaanii 81 yammuu ta’u, Ingiliiz Niiw Kaastilii ka’anii gara Xaaliyaan Room konkolaachisaa turan.
 
Yaata’uutii magaalaa Xiqqaa Jarman keessatti of argataniiru.
 
Karaan kan jalaa bademmoo sababii rakkoo qajeelfama saatalaayitiitin ta’uun himameera.
 
Imalli isaanii gara Xaaliyaan Phaaphaasii Roomaa argachuuf ture.
 
Yaata’uutii karaarraa maqanii kallattii hin taanerra jiraachuu isaanii gaafa baran, konkolaataa isaanii to’achuu dagachuudhan miidhan irra ga’eera.
 
Konkolaataa isaanitiif suphaan ega taasifameen booda imala isaanii gara Room itti fufu jedhameera.
 
Maddi; Skaay Niiws
Comments
Loading...