Fana: At a Speed of Life!

Qonna Gannaa baranaatin lafa heektaara miiliyoona 13 misoomsuuf hojjetamaa jira

0 125
Finfinnee, Caamsaa 16,2011(FBC)- Qonna Gannaa baranaatin lafa heektaara miiliyoona 13 misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
 
Ministir deettaan Ministeera Qonnaa obbo Saanii Raddiin FBCtti akka himanitti, lafa misoomurraa oomisha kuntaala miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 60 argachuuf karoorfameera.
 
Ogeeyyiin qonnaa kuma 60 ol leenji’ee hojjechaa kan jiru yammuu ta’u, sanyiin filatamaa kuntaalli kumni dhibbi 3 fi kumni 60 raabsameera.
 
Kanaan ala sanyii filatamaa kuntaalli miiliyoonni 1.1 qophaa’era.
 
Kuufama xaa’oo kuntaala kuma 300 ala, bittaan xaa’oo kuntaalli miiliyoona 12 raawwatameera.
 
Xaa’oo kuntaalli miiliyoonni 8 ammoo Yuuniyeenii Waldaalee Hojii Gamtaatif raabsameera.
Comments
Loading...