Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli kallattii intarneetitiin abbootii qabeenyaa galmeessuu fi eeyyama laachuu ifoome

0 114
Finfinnee, Caamsaa 16,2011(FBC)- Tajaajilli kallattii intarneetitiin abbootii qabeenyaa galmeessuu fi eeyyama laachuu ifoome.
 
Koomiishiniin Invastimantii Ityoophiyaa tajaajilicha (poortaal) kan ifoomse yammuu ta’u, tajaajilli kallattii intarneetitii kunis afaan Chaayinaa Mandariinii fi afaan Ingiliziitin qophaa’e.
 
Koomiishinarri Koomiishinii Invastimantii Ityoophiyaa obbo Abbabaa Ababaayyahu akka jedhanitti, tajaajilichi abbootiin qabeenyaa bakka jiranii kallattii intarneetitiin akka galmaa’anii fi eeyyama akka argatan dandeessisa.
 
Invastimantii isaanii bal’isuu fi eeyyama isaanii adda kutuu yoo barbaadanis tajaajilichaan fayyadamuu danda’u.
Tajajailicha karaa @ http://cn.investethiopia.gov.et argachuun ni danda’ama.
Comments
Loading...