Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Saahilawarq gara Afrikaa Kibbaa imalan

0 124
Finfinnee, Caamsaa 16,2011(FBC)- Preezdaant Saahilawarq Zawdeen sirna muudamaa preezdaant Siiriil Raamaafoosaarratti argamuuf gara Afrikaa Kibbaa imalan.
 
Sirni muudamaa preezdaantii Afrikaa Kibbaa 5ffaa; Siiriil Raamaafoosaa booru gaggeeffama.
 
Preezdaant Saahilawarqis sirnicharratti hirmaachuuf har’a waaree booda gara Afrikaa Kibbaa imalaniiru.
 
Sirni muudamichaa magaalaa Preetooriyaa istaadiyamii Looftas Varsifiilditti gaggeeffama.
 
Sirnicharratti hoggansi biyyootaa, bakka buutonni dhaabbilee idil addunyaa, lammiileen Afrikaa Kibbaa kuma 10n lakkaa’aman ni argamu.
 
Filannoo waliigalaa gaggeeffameen Koongirasiin Biyyioolessaa Afrikaa injifachuu isaatin dheengadda Siiriil Raamaafoosaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatin preezdaantummaadhan mogga’uun isaanii ni yaadatama.
 
Comments
Loading...