Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon ummataa naannoo Oromiyaa fi Afaar cimeet itti fufa

0 156
Finfinnee, Caamsaa 16,2011(FBC)- Ummata naannoo Oromiyaa fi Afaar fayyadamaa taasisuuf hojiileen eegalaman cimaniit itti fufu jedhame.
 
Waltajjiin obbolummaa Oromoo fi Afaar har’a magaalaa Adaamaatti gaggeeffame xumurameera.
 
Waltajjichaan waraqaan qorannaa hariiroo obbolummaa ummattoota lamaanii calaqqisiisu dhiyaatee irratti mari’atameera.
 
Waraqaa dhiyaaten hariiron ummattoota naannolee lamaanii gama amantaa, duudhaa, siyaasaa fi hawaasummaan maal akka fakkaatu irratti mari’atameera..
 
Rakkoolee nageenyaa fi walitti bu’iinsa mudatu duursanii ittisuu, tasgabbii fi mariidhan hiikuuf waliin hojjechuurratti mari’atameera.
 
Itti aanaan preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan, hojiileen misoomaa hojjetaman naannoo Oromiyaa qofaaf osoo hin taane, naannoo Afaarii fi kaanis xiyyeeffannaa keessa galchuun hojjetama jedhan.
 
Tokkummaa ummattootaa booressuurratti kan hojjetanirratti tarkaanfiin seeraa ni fudhatama jedhaniiru.
 
Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaa gama isaanitiin hariiroo ummata baha Ityoophiyaa cimsuuf hojii eegalle daran itti fufna jedhan.
Comments
Loading...