Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukin fuulota sobaa biiliyoona 3 ol balleessuusaa beeksise

0 87
Finfinnee, Caamsaa 16,2011(FBC)- Feesbuukin fuulota sobaa biiliyoona 3 ol balleessuusaa beeksise.
 
Dhaabbatichi ibsa laaten akka beeksisetti, fuulonni Feesbuukii sobaan banamanii turan kanneen kan haqaman baatii 6n darban keessatti.
 
Fuulonni appilikeeshinii Feesbuukiirraa haqaman odeeffannoo sobaa fi jibbiinsaa tamsaasaa turaniiru.
 
Haala walfakkaatadhaan fuulota odeeffannoowwan jibbiinsaa dabarsaa turan miiliyoona 7 ol balleessera.
 
Tarkaanfichi kan fudhatame baatii Faranjootaa Onkololeessaa 2018 amma Bitootessa 2019 to’annaa taasifameeni.
 
Dhaabbatichi odeeffannoo sobaa fi jibbiinsaa to’achuurratti hojii fooyya’aa hojjechaa jiraachuu akeekera.
 
Kanas gamaaggamuuf afaanota addunyaa addaddaatin wiirtuu hojjetu banuuf hojjechaa jiraachuu BBCn gabaasera.
 
Comments
Loading...