Fana: At a Speed of Life!

Af yaa’iiwwan manneen maree Maqaleetti mari’achaa jiru

0 170
Finfinnee, Caamsaa 16,2011(FBC)- Af yaa’iiwwan manneen maree federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaa Maqaleetti mari’achaa jiru.
 
Waltajjii waliinii kanarratti af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoon kaayyoo waltajjichaa beeksisuun waltajjicha saaqaniiru.
 
Itti aanaan preezdaantii naannoo Tigraay Dooktar Dabratsiyoon G/mikaa’eel gama isaanitiin ergaa baga nagayaan dhuftanii dabarsaniiru.
 
Waltajjii amma booru ganamaatti gaggeeffamuun milkii bakka buutotaa, ergamaa fi bu’a qabeessummaa, ijaarsa dandeettii, hojimaata Mana Maree Federeeshinii, tarsiimoo koominikeeshinii fi qaqqabama Mana Maree Bakka Buutota Ummataarratti ni mari’atama.
 
 
 
Comments
Loading...