Fana: At a Speed of Life!

Sadarkaa addunyaatti hojjettoota ekisteenshinii fayyaatif beekamtiin kenname

0 156
Finfinnee, Caamsaa 15,2011(FBC)- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa hojjettoota ekisteenshinii fayyaa Ityoophiyaa fi Ekwaadoorif beekamtii laachuuf yaada dhiyaate raggaasise.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan yaadni dhiyaate boordii hoji raawwachiistuu Dhaabbata Fayyaa Addunyaatin ragga’uu isaa fuula hawaasummaa isaanitiin barreessaniiru.
 
Yaadichi boordichaan Amajjii 15,2011 beekamtii argatee kan ture yammuu ta’u, har’ammoo yaa’ii waliigalaasaatin sagalee guutudhaan raggaasiseera.
 
Sagantaan ekisteenshinii fayyaa sadarkaa yaalitiin bara 1994 ega eegalamee kaasee dhibeewwan qulqullina naannoo fi dhuunfaarraa dhufuu malu hir’isuun danda’ameera.
Comments
Loading...