Fana: At a Speed of Life!

Paakistaan baalastiik miisaa’ela kiilo meetira 1500 furga’u yaalte

0 197
Finfinnee, Caamsaa 15,2011(FBC)- Paakistaan baalastiik miisaa’ela kiilo meetira 1500 furga’u yaalte.
 
Ministeerri Raayyaa Ittisaa Paakistaan yaaliin miisaa’elichaa milkaa’aa ta’uu ibsaniiru.
 
Miisaa’elichaaf moggaasni Shaahaan-II jedhamu kennameefira.
 
Baalastiik miisaa’eelichi kiilo meetira 1500 furga’uu kan danda’uu fi ibidda nuukleeraa baachuu kan danda’udha.
 
Yaaliin miisaa’eelichaa waldhabbii Paakistaanii fi Hind cimsuu malaan sodaatameera.
 
Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Paakistaan Sheeh Mahaammuud Qorashii fi gitasaanii Hindii Suushaamaa Saawaaraaj yaalii miisaa’eelichaa guyyaa 1n dura, yaa’ii Shaangaay Koorporeeshin Kiirgiizitti gaggeeffame cinaadhan walarganii hariiroo biyyoota isaanii cimsuurratti mari’ataniit turan.
 
Maddi; Aljaziiraa
Comments
Loading...