Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa seeran alaa magaalaa Finfinneerratti tarkaanfin fudhatamuufi

0 169
Finfinnee, Caamsaa 15,2011(FBC)- Magaalaa Finfinnee kutaalee bulchiinsa magaalaa 5tti lammiileen manneen seeraan alaa ijaaran; torbee 2 keessatti akka diigan bulchiinsi magaalichaa yaadachiise.
 
Itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan dhimmicharratti qaamolee nageenyaa waliin mari’ataniiru.
 
Lammiileen ijaarsa seeran alaa keessatti hirmaatan torbee 2 keessatti ijaarsicha diiganii, qabeenya isaanii akka kaafatan yaadachiisaniiru.
 
Kun ta’uu baannan garuu bulchiinsi magaalichaa qaamolee nageenyaa waliin tarkaanfii kan fudhatu ta’a jedhameera.
 
Hoggansaa fi qaamni mootummaa ijaarsa seeran alaa kana keessatti hirmaate seeranis kan gaafatamu ta’a.
 
Ijaarsi seeran alichaa kutaa Boolee, Aqaaqii Qaallittii, Nifaas Silk Laaftoo, Gullallee fi Yakkaatti heddummaata.
Comments
Loading...