Fana: At a Speed of Life!

Dr Tewoodroos Adihaanoom Ityoophiyaan giinii warm balleessuuf carraaqqii taasisaa jirtu dinqisiifatan

0 107
Finfinnee, Caamsaa 15,2011(FBC)- Daayreektarri olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Tewoodroos Adihaanoom Ityoophiyaan giinii warm balleessuuf carraaqqii taasisaa jirtu dinqisiifatan.
 
Ityoophiyaatti waggaa tokkoo fi walakkaa darbe keessatti giinii warm namarratti muul’achuu dhabuu isaatin baga gammaddan jedhaniiru.
 
Mootummaan hojii dhibicha balleessuuf hojjetu ammas cimsee akka itti fufu gaafataniiru.
 
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan gama isaanitiin mootummaan dhimmicharratti cimee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Hojicha keessattis Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fi qooda fudhattoonni tumsa akka itti fufan gaafataniiru.
 
Comments
Loading...