Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan darbanitti galiin Birrii biiliyoonni dhibba 1 fi biiliyoona 63.3 sassaabbameera

0 131
Finfinnee, Caamsaa 15,2011(FBC)- Bara 2011 baatiiwwan darbanitti galii Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 63 tuqaa 3 sassaabuusaa Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
 
Ministeerichi seera gibiraa kabajuurratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Finfinneetti waltajjii marii qopheessera.
 
Sirna taaksii sassaabuurratti qajeelloon hojjechuun yeroo walfakkaataa darbeen yoo madaalamu, guddina %9.8 agarsiisuusaan ibsameera.
 
Ministeerichi dhaabbilee nagahee sobaatin hojjechaa turan 124 tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhachuusaa beeksiseera.
 
Dhaabbileen kanneenis qabeenya mootummaa Birrii biiliyoona 6 irratti miidhaa qaqqabsiisaniiru.
 
Dhimmi dhaabbilee burjaajjiin shakkaman 68 qoratamaa jiraachuun ibsameera.
Haaylayyasuus Makoonnantu gabaase.
Comments
Loading...