Fana: At a Speed of Life!

Wiirtuleen yaala daa’imman reefu dhalatanii 80 hojii ni eegalu

0 107
Finfinnee, Caamsaa 14,2011(FBC)- Wiirtuleen yaalaa daa’imman reefu dhalatanii 80 baatii lamaan itti aanan keessatti hojii kan eegalan ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Ministirri ministeerichaa Dooktar Amiir Amaan Faanaa Broofkaastiing Koorporeet waliin turmaata taasisaniin akka beeksisanitti, yeroo ammaatti hojiin wiirtulee 60 xumuramee qophii ta’aniiru.
 
Yeroo da’umsaatti ukkaamamuu, yeroon osoo hin ga’in dhalachuu fi yeroo dhalootaatti infeekshinii mudatuun miidhaa hamaan amma lubbuu dabarsuu ni mudata.
 
Sababii kanaanis daa’imman reefu dhalatan kan amma baatii 1 ta’anirratti miidhaa cimaan ni qaqqaba.
 
Wiirtuleen yaala daa’imman reefu dhalatanii hedduun kan jiran magaalaa Finfinnee keessatti ta’uu isaatin rakkoon qaqqabamaa tureera.
 
Kana furuudhan yaalicha naannolee biyyattiitti qaqqabamaa taasisuuf proojaktiin qophaa’ee hojiitti galameera.
 
Proojaktichaaf ammoo Doolaarri miiliyoonni 35 baasii ta’eera.
 
Wiirtulee kanneen naannolee biyyattiitti babal’isuuf; godinaaleen 80 filatamanii hojiitti galameera jedhan Dooktar Amiir Amaan.
Comments
Loading...