Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaan sirreeffamtoota seeraa 7,029f dhiifama godhe

0 201

Finfinnee, Caamsaa 14,2011(FBC)- Naannoon Oromiyaa sirreeffamtoota seeraa 7,029f dhiifama godhe.

Itti aanaan preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsa har’a laataniin akka beeksisanitti, sirreeffamtoonni dhiifamni taasifameef naamusa gaarii galmeessisanii boordii dhimmi isa ilaallatuun kan mirkanaa’edha.

Dhiifamichi daddabarsa namoota seeran alaa, yakka ajjeechaa sanyummaa, mancaatii bosonaa, miidhaa dubartootaa fi daa’immanii raawwatan hin ilaallatu.

Namoonni dhiifamaan gadhiifaman jireenya mana amala sirreessatiin alaa amma baranitti hawaasni deeggarsa akka taasisuuf obbo Shimallis gaafataniiru.

Sirreeffamtoonni dhiifamaan ba’anis hawaasa waliin jiraachuuf kutatoo ta’uu akka qaban dhaamaniiru.

Sirreeffamtoonni ba’anis har’aa eegalee ummatatti makamuu eegalaniiru.

Comments
Loading...