Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ityoophiyaa, obbo Dammaqaa Makoonnaniin duurfamu Jibuutii jira

0 146
Finfinnee, Caamsaa 14,2011(FBC)- Jilli mootummaa Ityoophiyaa itti aanaa muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnaniin duurfamu Jibuutii jira.
 
Jilichi sirna awwaalchaa Sulxaan Abdulqaadir Umad irratti argamuufi gara Jibuutii kan imale.
 
Jilli itti aanaa muummee ministiraatin duurfamu Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Jibuutii yammuu ga’u, muummee ministiraa Jibuutii Abdulqaadir Ahimad Kaamiilin simannaan taasifameefira.
 
Abdulqaadir Umad, Jibuutii bulchiinsa Taajuuritti Sulxaana turan.
 
Sulxaan Abdulqaadir Umad hariiroon ummata Ityoophiyaa fi Jibuutii akka cimu, misoomaa fi nagayaan akka walitti hdhamu tumsa olaanaa taasisaniiru.
Comments
Loading...