Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Akliilun, jila Chaayinaa waliin mari’atan

0 86
Finfinnee, Caamsaa 14,2011(FBC)- Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Dooktar Akliiluu H/mikaa’eel jila biiznasii Chaayinaa waliin mari’atan.
 
Jilli biiznasii teeknooloojii yaalaa Gaawoo Soongin duurfamu haala waliigalaa Ityoophiyaarratti ibsi laatameefira.
 
Mootummaan damee fayyaatif xiyyeeffannaa laatee hojjechaa jiraachuu, dhaabbilee barnoota olaanoo 26 keessatti barnoonni fayyaa kennamaa jiraachuu, ijaarsi hoospitaalota hedduun hojiirra akka jiru, waa’ee diinagdee guddachaa jiru, ummata miiliyoona 100 ol qabaachuu, teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uu, imbaasiiwwan biyyoota addaddaa 130 jiraachuu, dhaabbileen aardii fi idil addunyaa hedduun Ityoophiyaa keessa jiraachuus Dooktar Akliiluun ibsaniifiru.
 
Dhaabbatichi Ityoophiyaan filannoo sirrii akka taate ibsaniiru.
 
Sochii invastimantiif taasifamu kamuu mootummaa fi Ministeerri Dhimma Alaa deeggarsa barbaachisaa mara kan taasisan ta’uu ibsaniiru.
 
Comments
Loading...