Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan torban darbanitti saliixa adii Humaraarraa Doolaarri miiliyoonni 71 argameera

0 123
Finfinnee, Caamsaa 14,2011(FBC)- Saliixa adii Humaraa baatiiwwan torban darbanitti gara alaatti ergamerraa Doolaarri miiliyoonni 71 argameera.
 
Eejansiin Proomooshinii Gabaa Qonnaa Naannoo Tigraay akka beeksisetti baatiiwwan 7n darbanitti saliixa adii Humaraa gabaa alaatti ergamerraa sharafni alaa Doolaarri miiliyoonni 71 argameera.
 
Eejansichi akka beeksisetti Onkololeessa 2011 eegalee saliixni adiin kuntaalli 446 ol gara biyyoota 21 ergameera.
 
Kanarraayis sharafni alaa Doolaarri miiliyoonni 71 argameera.
 
Barana gabaa addunyaarratti gatiin saliixa kuntaala 1 kan bara darbeen yoo madaalamu daballii Doolaara 40 agarsiisera.
 
Yeroo ammaas saliixni adii Humaraa gabaa addunyaarratti Doolaara 160 gurguramaa jiraachuu eejansichi eerera.
Comments
Loading...