Fana: At a Speed of Life!

Waldaalee meeshaalee liqiidhan fudhatanii, kaffaltii ofirraa xumuraniif waraqaan kenname

0 63
Finfinnee, Caamsaa 13,2011(FBC)- Waldaalee meeshaalee liqiidhan fudhatanii, qarshii guutuu ofirraa kaffalanii xumuraniif waraqaan ragaa abbaa qabeenyummaa kenname.
 
Waldaalee liqiidhan bitatanii kaffaltii ofirraa xumuran 33f har’a waraqaan ragaa abbaa qabeenyummaa keennamuufii Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa beeksiseera.
 
Waldaan Aksiyoona Daldalaa fi Faayinaansii Meeshaalee Kaappitaalaa Oromiyaa, waldaa meeshaalee omishaa fi kan biroo hojii barbaaddotaaf liqiidhan kan dhiyeessu yoo ta’u, guyyaa har’aa waldaalee kaffaltiisaa xumuran 33 ta’aniif waraqaa ragaa abbaa qabeenyummaa kenneera.
 
Sirnichis magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame.
 
Hogganaan Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneen Oromiyaa fi walitti qabaan boordii Waldaa Aksiyoona Daldalaa fi Faayinaansii Meeshaalee Kaappitaalaa Oromiyaa Dooktar Injinar Fiqaaduu Fufaa akka jedhanitti,
hojii dhabeeyyiin kaayyoo fi mul’ata qaban iddoo yaadan akka qaqqaban waldaaleen har’a waraqaa ragaa abbaa qabeenyummaa fudhatan ragaadha.
 
Comments
Loading...