Fana: At a Speed of Life!

Traaybaas Bariich Teek har’a oomishasaa erguu ni eegala

0 59
Finfinnee, Caamsaa 13,2011(FBC)- Traaybaas Bariich Teek Ityoophiyaan har’aa jalqabee oomishasaa gara Ameerikaa erguu ni eegala.
 
Dhaabbatichi Paarkii Indaastirii Kombolchaa keessatti oomisha huccuurratti kan bobba’edha.
 
Koomiishinii Invastimantii Ityoophiyaatti hoji gaggeessaan Paarkii Indaastirii Kombolchaa obbo Mulgeetaa Makoonnan akka jedhanitti, dhaabbatichi oomisha huccuu guutuu dhiirotaa(suufii) har’aa eegalee gara Ameerikaa erguu ni eegala.
 
Guyyaa har’aa qofa suufii kuma 4 gara Ameerikaa kan ergu yammuu ta’u, kanarraayis Doolaara Ameerikaa Kuma 60 argachuuf karoorfameera jedhaniiru.
 
Yeroo itti aanutti suufii koonteeynara tokko gabaa alaatif erguuf karoorsee hojjechaa jira.
 
Dhaabbatichi abbootii qabeenyaa Chaayinaa fi Ameerikaatin kan hundaa’e yammuu ta’u, lammiilee 533f carraa hojii dhaabbii uumera.
 
Dhaabbilee paarkichatti bobba’an 4 keessaa 3 oomisha isaanii ergaa jiru.
Comments
Loading...