Fana: At a Speed of Life!

Jilli Ityoophiyaa yaa’ii fayyaa idil addunyaa 72ffaarratti hirmaachaa jira

0 98
Finfinnee, Caamsaa 12,2011(FBC)- Jilli Ityoophiyaa yaa’ii fayyaa idil addunyaa 72ffaa Jeeneevaa Swiizarlaanditti gaggeeffamurratti hirmaachaa jira.
 
Yaa’icharratti ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaanii fi hoggansi biroo hirmaataniiru.
 
Dooktar Amiir Amaan akka beeksisanitti Ityoophiyaan yaa’icharratti yaadolii murtee lama ni dhiyeessiti.
 
Yaa’ichaan cinaatti walga’iiwwan lama qopheessuun ni hogganti.
 
Jilichi muuxannoo qooddachuun hariiroo damichaa ni cimsa jedhameet eegama.
Comments
Loading...