Fana: At a Speed of Life!

Xiyyaara shaakallii Abisiiniyaa Flaayit irratti balaan qaqqabe

0 248
Finfinnee, Caamsaa 9,2011(FBC)- Xiyyaara shaakallii Abisiiniyaa Flaayit irratti balaan qaqqabe.
 
Xiyyaarri shaakallii Abisiiniyaa Flaayit Sarviis kuftee kan caccabde har’a ganama godina Jimmaa naannoo Asandaabotti.
 
Maanaajarri proojaktii dhaabbatichaa obbo Ashannaafii Tsaggaayen ibsa FBCf laataniin akka beeksisanitti, balichi kan qaqqabe shaakalaan 1 shaakalliirra wayita turetti.
 
Xiyyaarattiin moodeel “C 172” kan jedhamtu yammuu taatu, teessoo 4 qabdi.
 
Sababii balichaa fi ammeentaasaa qorachuuf gareen ogeeyyii gara Jimmaa imaluu ibsaniiru.
 
Garichaan ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii Ityoophiyaa, baaraartonni lubbuu fi ogeeyyiin nageenyaa Abisiiniyaa Flaayit hammatamaniiru.
Comments
Loading...