Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa keenya cimsuun injifannoo caalu ni galmeessina- obbo Shimallis

0 173
Finfinnee, Caamsaa 9,2011(FBC)- Itti aanaan preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan jiraattota godina Arsii waliin magaalaa Asallaatti mari’ataniiru.
 
Hirmaattonni waltajjichaa gaaffilee misoomaa magaalaa Asallaa fi godina Arsii, akkasumas waan rakkoodha jedhanirratti furaata gaafataniiru.
 
Itti aanaan preezdaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gama isaanitiin injifannoo argame kunuunsuun, booru kan caalutti ce’uuf tokkummaa ofii cimsuudhan hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
 
Kan gaarii yaadu akkuma jiru, nu facaasuu kan barbaadus waan jiruuf of eeggannoodhan tokkummaa keenya cimsinee wal yaa tumsinuun dhaamaniiru.
Aadaa hammattummaa Oromootin sabaa fi sablammoota naannicha keessa jiraatan waliin obbolummaadhan waltumsaa fi waldeeggarsaan jiraachun barbaachisaadha jedhan.
 
Mootummaan dameewwan diinagdee hundaan ummata fayyadamoo taasisuuf hojjechaa jira, ni hojjetas jedhaniiru obbo Shimallis.
 
Wal hubannee nagayaa fi tasgabbii Oromiyaa fi injifannoo Oromoo tikfannaan, raajii caalu hoojjechuu dandeenya jedhan obbo Shimallis dhaamsa isaanitiin.
 
Comments
Loading...