Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyiin fayyaa naannoo Amaaraa hoggansa waliin mari’achaa jiru

0 97
Finfinnee, Caamsaa 9,2011(FBC)- Ogeeyyiin fayyaa naannoo Amaaraa hoggansa federaalaa fi naannoo waliin magaalaa Baahir Daaritti mari’achaa jiru.
 
Maricharratti preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Ambaachaw Makoonnan, ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan, hoggansi Biiroo Fayyaa Naannoo Amaaraa, ogeeyyiin fayyaa fi qaamoleen dhimmi isaan ilaallatu argamaniiru.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaanis ogeeyyii fayyaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessa jiraatan waliin mari’achaa jiru.

Kenniinsa tajaajilaa, dhiyeessii meeshaalee fi dawaa, faayidaa fi mindaa, ijaarsi dhaabbilee fayyaa qulqullina dhabuu kaasaniiru.
Comments
Loading...