Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Dirree Dawaa walga’ii idileesaatin muudama addaddaa raggaasise

0 109
Finfinnee, Caamsaa 9,2011(FBC)- Manni Maree Dirree Dawaa walga’ii idilee 41ffaa bara hojii 2ffaa gaggeessen muudama raggaasise.
 
Haaluma akanaan obbo Ibraahiim Yasuuf hogganaa Biiroo Qonnaa, Bishaanii fi Albuudaa ta’uun yoo muudaman, obbo Sintaayyahu Maammoon ammoo hogganaa waajjira mana marichaa ta’uudhan muudamaniiru.
 
Obbo Abdusalaam Maydaniin hoji gaggeessaa Eejansii Maas Miidiyaa magaalichaa ta’uudhan muudamaniiru.
 
Manni marichaa walga’ii guyyootii lamaaf gaggeesen, gabaasa baatii 9 itti aanaa kantiibaa Mahaadii Giireen dhiyaaterratti mari’atee raggaasiseera.
 
Walitti qabdoonni koree dhaabbii fi miseensota hir’atanis bakka buufamaniiru.
Comments
Loading...