Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessiin elektiriikaa dabareedhan ta’uufi

0 191
Finfinnee, Caamsaa 9,2011(FBC)- Dhiyeessiin humna elektiriikaa Ityoophiyaa dabareedhan ta’uufi.
 
Ciccituun dhiyeessii humna elektiriikaarratti tibbana mudate hidhoota maddaarratti kuufamni bishaanii ga’aan jiraachuu dhabuu isaatini jedheera Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii ibsa har’a laaten.
 
Hidha madda anniisaa elektiriikaa Gibee 3tti hanqina roobaa mudateen, kuufamni bishaanii hir’achuu ministeerichi beeksiseera.
 
Yeroo ammaatti hanqinni humnaa meeggaa waatii 476 mudachuu ibsaniiru ministirri Ministeerichaa Dooktar Injiinar Silashii Geetaahuun.
 
Hanqina mudaterraa kan ka’e dhiyeessiin elektirikaa dabareedhan akka ta’u eeraniiru.
 
Dhaabbileen humna elektiriikaa jabaa fayyadamanis dabaree keessa kan galan ta’a.
 
Dhiyeenyatti roobni ga’aan kan roobu taanan garuu hanqinichi kan furamu ta’uu ibsaniiru.
Comments
Loading...