Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Gaanaa keessatti tajaajila balalii laachuu eegaluufi

0 103
Finfinnee, Caamsaa 9,2011(FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Gaanaa keessatti tajaajila balalii laachuu eegaluufi.
 
Tajaajilli balalii biyya keessaa kun akkaataa waliigaltee daandichaa fi mootummaa Gaanatiin hojiirra oola.
 
Daandichi waajjirasaa Akraatti banuun tajajaila laachuu akka danda’u mootummaa Gaanaa waliin waliigaltee mallatteessera.
 
Waliigalticha hoji raawwachiisaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Tawaldaa G/maariyaamii fi ministira Ministeera Aviyeeshinii Gaanaa Yooseef Adaatu mallatteesse.
 
Akkaataa waliigaltichaatin mootummaan Gaanaa fi dameen dhuunfaa ga’ee %51 yoo qabatan, kan hafemmoo daandichatu bulcha.
 
Haaluma kanaan daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa teessoosaa Akraa godhachuudhan tajajaila balalii biyyya keessaa, aardii fi idil addunyaa kan laatu ta’a.
 
Balalii biyya keessaa Gaanaatif xiyyaara Daash 8-400 fayyadama.
 
Gaanaa Eeyarweeysii fi Daandiin Qilleensaa Idil Addunyaa Gaanaa bara Faranjootaa 2000 jalqabarra hojii ega dhaabanii eegalee, Gaanan Daandii Qilleensaa Biyyoolessaa hin qabdu.
 
Maddi; ainonline.com fi hmgaerospace.com
Comments
Loading...