Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan baqattootarratti fooyyessa imaammataa taasisuufi

0 126
Finfinnee, Caamsaa 9,2011(FBC)- Ameerikaan baqattoota biyyattii seenanirratti fooyyessa imaammataa taasisuufi.
 
Baqattoonni Ameerikaa seenan dandeettii afaan Ingilizii gaarii qabaachuu fi qormaata lammummaa darbuun akka irraa eegamu ibsameera.
 
Imaammanni haaraan dargaggoota, namoota barnoota fooyya’aa qabanii fi afaan Ingilizii danda’aniif duursa laatera.
 
Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp imaammaticharratti fooyyessa taasisne jedhanis, Paartiin Demokraasummaa imaammatichi bishaan hin kaasu jedheera.
 
Daa’imummaa isaanitirraa kaasee gara Ameerikaa kan seenan namoonni kuma dhibbaan lakkaa’aman lammummaa osoo hin argatin, imaammata akkanaa baasun kufaatidha jedha paartichi.
 
Imaammanni haaraan baqattoota dandeettii qaban %12rraa %57tti ol guddisuu dandeessisaan “BBC”n gabaasera.
Comments
Loading...