Fana: At a Speed of Life!

Traamp labsii yeroo balaa biyyoolessaa labsite

0 1,035
Finfinnee, Caamsaa 8,2011- Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp aggaammii miidhaa saaybaraa ittisuuf labsii yeroo balaa biyyoolessaa labsan.
 
Labsichi miidhaa sirna neetwoorkii koompiitaraa Ameerikaarratti qaama alaarraa qaqqabuu malu ittisuuf kan kaayyeffatedha jedhameera.
 
Sana ittisuufis labsiin yeroo balaa biyyoolessaa labsameera.
 
Dhaabbileen Ameerikaa tajaajila teelekoom alaa balaa biyyoolessaa qaqqabsiisuu malan fayyadamuurraa akka of qusatan yaadachiisaniiru.
 
Ameerikaa dabalatee biyyoonni addaddaa oomishti Huwaawee hojii basaastummaa Chaayinaatif oolaa akka jiru ibsaa jiru.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...