Fana: At a Speed of Life!

Paartileen 5 of maqsuun paartii biyyoolessaa 1 hundeessuuf yaa’ii gaggeessan

0 245

Finfinnee, Caamsaa 8,2011(FBC)- Paartileen biyya keessaa fi alatti kopha kophaa socho’aa turan 5 of maqsuun paartii biyyoolessaa 1 hundeessuuf yaa’ii hundeeffamaa gaggeessan.

Paartileen kanneen Paartii Demokraasummaa Hibir Ityoophiyaa jedhamu hundeessaniiru.

Hundeeffama kanaafis baatii 8f qophii gochaa turuun ibsameera.

Paartileen walitti makamanis Paartii Mana Maree Cee’umsa Biyyoolessaa Ityoophiyaa, Sochii Ummattummaa Ityoophiyaa, Dhaabbata Demokraasummaa Tusaa Haaromsa Ityoophiyaa, Gamtaa Demokraasummaa Ummata Oomoo, Qindoomina Uurjii Magarsiisa Kibba Ityoophiyaati.

Miseensota paarticha hundeessan; naannolee 7 fi bulchiinsota magaalaa 2 gurmeessuun yaa’in hundeeffamas har’a gaggeeffameera.

Comments
Loading...