Fana: At a Speed of Life!

Lagannaan hojii ogeeyyii fayyaa fudhatama hin qabu jedhe Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Ityoophiyaa

0 63
Finfinnee, Caamsaa 8,2011(FBC)- Lagannaan hojii ogeeyyii fayyaa fudhatama hin qabu jedhe Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Ityoophiyaa.
 
Dura taa’aan waldichaa Dooktar Gammachiis Maammoon ogummaan fayyaa fayyaa namaa eeguu fi lubbuu namaa baraaruu waliin hidhata waan qabuuf, gaaffin damichaan ka’u kan deeggaramu ta’us lagannaan hojii garuu gonkumaa fudhatama hin qabu jedheera.
 
Gaaffii ogeeyyiin fayyaa kaasan ilaalchisee waldichi har’a miidiyaaledhaaf ibsa laatera.
 
Ibsichaanis muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan rakkoolee damichaa fi kallattii furmaataarratti ogeeyyii fayyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’achuu Dooktar Gammachiis yaadachiisaniiru.
 
Kallattii kaa’ameen yaadoliin furmaataa Caamsaa 2011 eegalee hojiirra akka oolan jedhamee ture hojiirra oolaa jiraachuu, naannoleenis marii gaggeessaa jiraachuu kaasaniiru.
 
Waldichi gaaffilee ogeeyyii fayyaa 12 Ministeera Fayyaatif dhiyeessuun, deebisiisaa jiraachuu eeraniiru.
 
Waldaan Ogeeyyii Fayyaa Ityoophiyaa bara 1954 hundaa’e fi miseensota kuma 4 ol qabu hiriiricha keessaa harka hin qabne jedheera.
Comments
Loading...