Fana: At a Speed of Life!

Faalama qilleensaa Meeksikootin manneen barnootaa cufaman

0 168
Finfinnee, Caamsaa 8,2011- Faalama qilleensaa magaalaa Meeksikootti mudateen, mootummaan manneen barnootaa akka cufaman ajaje.
 
Ministeerri Barnootaa Meeksikoo akka beeksisetti ajajjichi manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaatti hojiirra ni oola.
 
Magaalaa Meeksikoo keessa ummata miiliyoona 20 ta’utu jiraata.
 
Daa’imman sochii qaamaa taasisuu fi manaa ba’uurraa akka of qusatanis ajajameera.
 
Aaraa fi daaraa magaalicha dhuunfateen argaan rakkisaa ta’eera.
 
Preezdaantiin biyyattii Andirees Maanu’eel Looppeez Obraadoor faalamichi kan nama gaddisuusu akka ta’e eeran.
 
Bosonni dhiyeenya magaalichaatti argamu gubachuun sababii ka’umsaa ta’uu akka hin oolin CNN gabaasera.
 
 
 
 
 
Comments
Loading...