Fana: At a Speed of Life!

Dandeettiin liqaa haaraa laachuu fi maallaqa sassaabuu baankotaa dabaleera

0 112
Finfinnee, Caamsaa 8,2011- Dandeettiin liqaa haaraa laachuu fi maallaqa sassaabuu baankotaa dabaluu Baankiin Biyyoolessaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Baankichatti daayreektarri xiinxalaa maallaqaa fi faaynaansii obbo Mulunah Ayyaaleew FBC waliin turmaata taasisaniin akka himanitti, daangaan liqaa Baankii Biyyoolessaa kanaan dura %16.5 ol akka hin guddanne kaa’amee ture ka’uu isaatin liqeessuu fi maallaqa sassaabuun dabalaa dhufeera.
 
Sanarraa kan ka’e bara kana baankonni Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyoona 60 tuqaa 3 ol liqeessuu danda’aniiru.
 
Maallaqa liqeessan keessaa Birrii biiliyoona 108.9 sassaabuu danda’aniirus jedhu obbo Mulunah.
 
Baankonni dirqama Baankii Biyyoolessaatif liqeessuuf laatameef %27 ol ba’achuunis ka’eera.
 
Kanaanis baankichi liqaa Birrii biiliyoona 19.5 argateera.
 
Baankichi liqaa baankotarraa argate; hojiilee misoomaa mootummaatif laata.
 
Kunis dandeettiin liqeessuu baankotaa %22 ol guddachuu agarsiisa.
 
Taariik Addunyaatu gabaase.
Comments
Loading...