Fana: At a Speed of Life!

Baatii 9tti naannoo Tigraayitti abbootiin qabeenyaa 1258 eeyyama invastimantii fudhataniiru

0 99
Finfinnee, Caamsaa 8,2011- Baatiiwwan salgan waggichaa darbanitti naannoo Tigraayitti abbootiin qabeenyaa 1258 eeyyama invastimantii fudhataniiru.
 
Abbootiin qabeenyaa kanneen kaappitaala Birrii biiliyoona 38 kan galmeessisan ta’uu itti aanaan hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa, Daldalaa fi Indaastirii naannoo Tigraay obbo Haaftoom Faantaahuun himaniiru.
 
Baatiiwwan salgan darbanitti proojaktoota 1185f eeyyama laachun karoora biirichaa ture.
 
Yaata’uutii fedhii jiruun 1258tti guddachuu danda’eera jedhaniiru.
 
Eeyyamni laatames; maanufaakchariingii 755, koonistiraakshinii 219, qonna 218, tajaajila hawaasummaa 24, hoteelaa fi tuuriizimii 22 akkasumas albuuda 20fi.
 
Proojaktoonni kanneen carraa hojii dhaabbii 143,530, kan yeroo 47,561f ni uumu jedhan.
 
 
Dastaa Takkaatu gabaase.
Comments
Loading...